Waraqaa Qorannoo Ulaagaa Digirii Lammataa (Ma) Barnoota Afaan Oromoofi Ogbarruu Guuttachuuf Qophaa’ee Muummee Afaan Oromootiif Dhiyaate
| dc.contributor.advisor | Maammoo Mangashaa | |
| dc.contributor.author | Jimaa Nuuree | |
| dc.date.accessioned | 2025-12-17T11:07:16Z | |
| dc.date.issued | 2016-06 | |
| dc.description.abstract | Kaayyoon qorannoo kanaa Xiinxala ergaa faaruu boo’ichaa Oromoo Arsii niitiin dhirsaa faarsitu haala qabatamaa Godina Shawaa Bahaa Aanaa Adaamii Tulluu Jiddoo Kombolchaa keessatti aawwatamaniidha. Haaluma kanaan qorannoo kana keessatti faayidaa faaruun boo’ichaa Oromoo Arsii jireenya hawaasaa keessatti qabu, qabiyyeewwan faaruun boo’ichaa Oromoo Arsii ofkeessatti hammatu, yeroofi bakka itti raawwatamu, eenyuun sirni kun akka raawwatamuufi hiikaa faaruun boo’ichaa hawaasa keessatti qabu irratti xiyyeeffata. Odeeffannoon qorannichaaf ta’us, mala akkamtaatiin walitti qabamuun gaggeeffame.Ragaawwan kunis, haawwota, manguddootaafi hojjattoota ogeeyyii waajjira aadaa turiziimii ogummaa faaruu boo’ichaa qabaniifi hirmaannaa taasisan irraa mala funaansa ragaa kanneen akka afgaaffiifi daawwannaan funaanname. Qorataan kun maloota iddattoo miti-carraa keessaa mala iddatteessuu akkayyoo (purposive sampling) fayyadamuun ergaa faaruu boo’ichaa xiinxaleera. Adeemsi madda ragaa qorannichaas madda ragaa tokkoffaa yommuu ta’u, kunis ragicha qabatamaa taasiseera. Haaluma kanaan as keessatti haawwonni yeroo faaruu boo’ichaatiin faarsan haala hawaasni duudhaa sana kabajuu qabu ibsameera.Sirnaawwan faaruu boo’ichaa kana keessatti haawwonniifi manguddoonni yeroo boo’ichaa uffannaa aadaafi meeshaalee akka fakkoomiitti tajaajilan qabatanii raawwatu.Kunis dhaamsa faaruu boo’ichaa sana keessaan hawaasaaf dabarsuu barbaade hubachiisuudha. Kana malees, qabiyyeen faaruu boo’ichaa Oromoo Arsii Aanaa Adaamii Tulluu Jiddoo Kombolchaa haala qoqqoodamiinsa isaanii waliin xiinxalamanii ibsamuuf yaalamaniiru. Faaruu boo’ichaa Oromoo Arsii kana akka gara fuulduraatti kana caalaa ifa bahee mul’atuuf dhaloonni jiruufi qaamni mootummaa dhimma kanarratti qorannoon gaggeeffamuufi akka ragaa qindaa’aan argamu taasisuuf carraaquu qabu. | en_US |
| dc.description.sponsorship | ASTU | en_US |
| dc.identifier.uri | http://10.240.1.28:4000/handle/123456789/2157 | |
| dc.language.iso | en | en_US |
| dc.title | Waraqaa Qorannoo Ulaagaa Digirii Lammataa (Ma) Barnoota Afaan Oromoofi Ogbarruu Guuttachuuf Qophaa’ee Muummee Afaan Oromootiif Dhiyaate | en_US |
| dc.type | Thesis | en_US |
