Qaaccessa Dogoggora Qubeessuu Barreeffama Xalayoota Waajjira Bulchiinsaafi Barnoota Aanaa Xiyoo Magaalaa Asallaa Irratti Kan Xiyyeeffate

Loading...
Thumbnail Image

Journal Title

Journal ISSN

Volume Title

Publisher

ASTU

Abstract

Qorannoon kun, kan gaggeeffame, mata duree ‘ Qaaccessa dogoggora qubeessuu xalayaalee waajjira Barnootaafi Bulchiinsa Aanaa Xiyoo’ jedhu irratti. Kaayyoon qorannoo kanaa, dogoggoroota qubeessuu barreeffama xalayoota Waajjira Bulchiinsaafi Barnoota Aanaa Xiyoo sakatta’uufi, qabanni dogoggoroota kanaa maal akka ta’e addaan baasuun yaada furmaataa dhiheessuudha. Kaayyoo kana galmaan gahuuf, xalayoota Waajjira Bulchiinsaafi Barnootaa walumaagalatti 60 iddaattoof fudhatamanii madda odeeffannoo ta’uun tajaajilanii jiru. Meeshaaleen qorannoo kana gaggeessuuf gargaaranis, sakatta'a galmee ragaa barruu, afgaaffiifi marii gareeti. Odeeffannoon galmee ragaa sakatta'uun funaaname, baay’ina xalayootaafi jechoota xalayoota keessatti argamaniin lakkaa’amee, gara dhibbeentaatti jijjiiruun gabateedhaan kaa’amee qaacceffame. Akkasumas, odeeffannoon afgaaffiifi marii gareerraa argame jechaan (mala akkamtaa) fayyadamuun sakatta'a ragaa barruu waliin akka wal utubuu danda’utti qaacceffame. Bu’aan qorannichaa haala kanaan argame akka agarsiisutti, xiyyeeffannoon qubeessuuf kennamu laafaa ta'uu, xalayoota barreeffaman osoo bahii hin ta'in gulaalamuu dhabuu, hoggansaafi hojjattoonni waajjiraalee, haala mijeessitoonni yoo gara hojii dhufan dandeettii qubeessuu ulaagaa irratti gaafatamuu dhabuu, walitti qabatuu, qaamni xalayaan bahii ta'uufis, yaada kennuu irra teejjabanii callisuu, dogoggora uumameef tarkaanfiin fudhatamu jiraachuu dhabuu, hundee irraa Afaan Oromoo yoo barsiisan xiyyeeffannoon barsiisuu dhabuufi gahumsa barsiisota afaaniitiin walqabatuu, dhimma kanaan walqabatee qorannoon gaggeeffamee hubannoo yookiin leenjiin adda addaa, hojjattoota waajjiraaleetiif qaamni dhimmi ilaallatu kennuu dhabuu akka ta'e bira gahamee jira. Madda rakkoo olitti eerame kanaafis, xalayoonni waajjiraalee barreeffamu xiyyeeffannoo akka barreeffamu gochuun, qaamni mallatteessee bahii taasisu gulaaluun, qaamonni xalayoota kana qopheessan namoota Afaan Oromoo barreessuu danda’an ta'uu akka qabaniifi waajjirri Aadaafi Turiizimii, qunnamtiifi miidiyaa, kolleejjiifi yunvarsiitiiwwan, qaamoleen qorannoo afaan irratti gaggeessaniifi dhimmamtoonni hundi, waajjiraalee hojii Afaan Oromootiin 8 gaggeessan keessatti hojjattootaafi hoggansa argamaniif, hubannoofi leenjii adda addaa dandeettii qubeessuu cimsu waliin ta’uun kennuu qabu.

Description

Keywords

Citation

Collections

Endorsement

Review

Supplemented By

Referenced By