Xiinxala Gahee Taphni Ijoollee Daa’imman Barsiisuurratti Qabu

Loading...
Thumbnail Image

Journal Title

Journal ISSN

Volume Title

Publisher

Abstract

Waraqaan qorannoo kuni gahee taphni ijoollee daa‟immani barsiisuu keessatti qabu xiinxala. Qorannichas geggeessuuf immoo, qorattittiin gosa qorannoo akkamtaatti (qualitative research) fayyadamteetti. Akkasumas meeshaaleen ragaalee ittiin funaannachuuf ittidhimma baates af- gaaffiifi qaaccessa galmeeti.Qorannichi akka mul‟isetti taphni ijoollee guddina sammuu isaaniirratti gahee guddaa qaba. Kana jechuunis akkaataa hariiroo namoota wajjinis ta‟e uumama naannoo isaaniitti argaman wajjin maal ta‟uu akka qabu barsiisa;taphni sodaa, dhiphinaafi dadhabbii ijoolleerraa balleessee akka waa hordofuuf kaka‟an taasisa; ofitti amantaa daa‟immanii dabaluudhaan hariiroo hiriyyoota isaanii wajjin qaban cimsuuf gargaara.Yaadaafi fedhii hiriyyoota isaanii akka hubatan taasisa. Kanaafuu, taphni ijoollee Oromoo daa‟imman waan tokko akka xiinxalaniifi hubannaa barbaachisaa ta‟e akka argatan taasisuuf gumaacha guddaa qaba, naamusa akka horataniifi safuu hawaasaa akka baratan taasisa.Egaa qabiyyeewwan dhimmoota armaan olitti dhiyaatan kanneen gara gosoota barnootaa kaarikulamii sadarkaa tokkoffaa keessatti argamanitti yoo jijjiirree hiikne gosa barnootaa kan akka Afaan Oromoo, Herrega, Barnoota Hawaasaa, Barnoota Saayinsii Naannoo fi Barnoota Aadaa ittiin barsiisuu nidandeenya jechuudha.Walumaagalatti guddina diinagdeefi hawaasummaa keessatti shoora guddaa taphata.

Description

Keywords

Citation

Collections

Endorsement

Review

Supplemented By

Referenced By