An Investigation Into The Relationship Between English Learning Anxiety And Students’ Achievement:

Loading...
Thumbnail Image

Journal Title

Journal ISSN

Volume Title

Publisher

Abstract

Afaan amala dhala namaati. Jijjiramni kallattii hedduun namarratti taasifamu hundi afaan irratti jijjiirama fida. Qo‟annoon kun xiinxala garaagarummaa looga Afaan Oromoo hawaasa Waayyuu Arsiifi Jiillee Tuulamaa irratti xiyyeeffateedha. Ka‟umsi qorannichaa waligaluurratti namoonni yoo rakkatan ilaaluun garaagarummaa kana mirkaneessuuf. Kaayyoon qorannoo kanaa hawaasa Waayyuu Arsiifi Jiillee Tuulamaa jidduutti wantoota garaagarummaa loogaa uuman adda baasuun sadarkaalee loogni irratti mul‟atu ibsuudha. Faayidaan qorannichaa barsiisota, hayyoota barnoota afaaniitiifi xiinqooqaatiif gahee olaanaa qaba. Kunis,karaa toora interneetii akka argatan haala mijeessuun. Malli qorannichi ittiin gaggeeffame, gosa qarannoo makaa keessaa akkamtaatti fayyadamuun ture. Maddi ragaa, madda ragaa tokkoffaadhaan ta‟ee, namoota barnoota idilee hinarganne qofaa kan hirmaachiseefi gosa iddatteessuu miticarraan kan dalagameedha. Odeeffannoon bifa afgaaffiifi daawwannaatiin walitti qabamanii fakkeenyotaafi ragaan deeggaruun hiikaafi ibsi itti kennameera. Garaagarummaan loogaa sadarkaa sagaleetti hawaasni Jiillee Tuulamaa sagalee /dh/ kan hinyaamne yoo ta‟u, sagalee /‟/,/r‟/ fi /l‟/ kanneeniin bakka buusuun itti fayyadamu.Hawaasni Jiillee Tuulamaa jechoota yaaman keessatti sagalee /ch/ bal‟innaan yoo itti dhimma bahan, hawaasni Waayyuu Arsii sagalee /ch/ sagalee /t/n bakka buusuun itti fayyadamu. Hawaasa Jiillee Tuulamaafi Waayyuu Arsii jidduutti dhamjechoonni gargaarummaa koornayaafi lakkoofsa agarsiisan mul‟ataniiru. Gargaarummaan sadarkaa jechaan garagaraa hiika walfakkaataa qaban hawaasa lamaan jidduutti bal‟innaan argamu. Jechootni hawaasa lamaan biratti argaman hikaan gargar ta‟anis nijiru. Fakkeenyaaf,dasee, darsa,moruu fa‟a. Garaagarummaan sadarkaa himaatti jiru,matihima, xumibsiifi xumurarratti kan mul‟atu yoo ta‟u, hawaasni Waayyuu Arsiifi Jiillee Tuulamaa yoo hima ijaaran dhamjecha(hin-) jedhamu yeroo baay‟ee kan dhimma itti baane ta‟uun hubatameera.Yaadni furmaataa qorataan kaa‟e keessaa ijoon qorannaan looga Afaan Oromoorratti jiru hanqaa waan ta‟eef xiyyeeffannoo itti kennuun hayyoonni dhimmi kun ilaallatu irratti hojjachuu qabu.

Description

Keywords

Citation

Collections

Endorsement

Review

Supplemented By

Referenced By