Xiinxala Itti Fayyadama Meeshaalee Otentikii Afaan Oromoo Barsiisuu Keessatti:Manneen Barnootaa Sad.2ffaa Godina Addaa Magaalaa Adaamaatti Kutaa 10ffaa Irratti Kan Xiyyeeffate
Loading...
Date
Authors
Journal Title
Journal ISSN
Volume Title
Publisher
Abstract
Qorannoon kun barsiisonni Afaan Oromoo Kutaa 10ffaa barsiisan afaanicha barsiisuu keessatti meeshaalee otentikiitti (authentic materials) fayyadamuufi dhiisuu isaanii xiinxaluurratti xiyyeeffate. Ragaaleen qorannichaaf barbaachisan barsiisota Afaan Oromoo kutaa eerametti barsiisanii fi barattoota isaanii gaafachuun fi galmee sakatta‟uudhaan funaanaman. Qaaccessi ragaalee meeshaalee funaansa ragaa eeramaniin funaanaman akka agarsiisanitti Kitaabni Barataa Afaan Oromoo Kutaa 10ffaa barattoonni mata-duree tokko tokkorratti miseensota hawaasa naannoo tokko tokko waliin mari‟achuun odeeffannoo argatan barreeffamaan dareef akka gabaasan gochuun gochaalee otentikii tokko tokko akka hojjetan taasisullee, odeeffannoo argatan barreeffamaan akka dhiyeessan gochuun ala waraabbidhaan akka dhiyeessan gochuudhaan otentikummaa caalmaatti hin jajjabeessu. Kana malees, kitaabichi barattoota qofa hawaasa naannootti erguun gochaalee otentikii tokko tokko akka raawwatan taasisuun alatti barsiisonni afaanichaa gochaaleefi meeshaalee otentikii akka qopheessanii itti fayyadaman hin taasisu. Akka qaaccessi ragaalee afgaaffiifi sakatta‟iinsa karoora barnoota torbee agarsiisanittis barsiisonni Afaan Oromoo iddoo eerameefi kutaa eerametti afaanicha barsiisan meeshaalee otentikiitti fayyadamanii afaanicha hin barsiisan, barsiisuufis hin karoorfatan. Ittifayyadamuu dhiisuu isaaniitiif sababoota gurguddoo sadidhiyeessan:manneen barnootaafi biiroon barnootaa bajata meeshaalee otentikii qopheessuuf gargaaru ramaduu dhiisuu,waayee meeshaalee otentikiifi itti fayyadama isaanii irratti leenjii hubannoo kennuu dhiisuufi wayitiin ramadame gahaa ta‟uu dhiisuudha. Kanaafuu, qaamoleen dhimmi ilaalu kunniin yeroofi bajata barbaachisu ramaduufi itti fayyadamaafi qopheessa meeshaalee otentikii irratti barsiisotaaf leenjii barbaachisu kennuun ittifayyadamni meeshaalee otentikii akka aadeffatamu gochuun barbaachisaadha.
