Godina Arsii Aanaa Xiyoo Keessatti Kan Xiyyeeffatu Ulaagaa Itti Guutinsa Digrii 2 Ffaa (Ma) Afaan Oromootiin Kan Dhiyaate
Loading...
Date
Authors
Journal Title
Journal ISSN
Volume Title
Publisher
Abstract
Bara bulchiinsa sirna gadaa irraa eegalee ummanni Oromoo duudhaa, sona, safuu fi aadaa
ittiin bulmaata kan mataa isaa falaasama hayyoota oromootiin kan tumame akka qabuu fi
kanumaan kan wal-bulchaa ture ta’uu seenaan ni ibsa. Dhaloota kiristoos dura gara waggoota
kuma saddeetii ilma waaqaa kan ta’e kuush ilmaan dhiiraa Leeta fi Horaa akkasumaas intala
Ateetee jedhamtu uumatee ture. Ilmaan dhiiraa kunniin sababa faayidaa dhuunfaa walitti
bu’anii Leetaan ilmi hangafaa obboleessa isaa quxisuu Horaa ajjeese(Warqina Abbaa soorii,
2008) Sirna Gadaa.
Haati ilmaan tanaa halkan reenfa ilma ishee lafaa olkaaftee nageenyii fi araarri akka bu’u
waaqa kadhattee waaqnillee abboomeefii yaadannoodhaaf Odaa dhaabdee Odaan kunis
dagaagee bokkaaniis roobee nageenyiifii jaalalli waaqarraa bu’e. Waggoota afurtama booda
haadha ilmaan Oromoo kan taate Ateeteen ilmaan lama Booranaa fi Bareentuu deete.
Yeroodhaan booda obboleewwan lameen kunneen walitti bu’anii ilmi hangafaa Booranni
obboleessa isaa quxisuu kan ta’e Bareentuu sababa faayidaadhaan walqabateen ajjeesee ture
(Warqinaa Abbaa soorii, 2008).
Haati isaanii Ateeteen reenfa ilma ishii lafaa olkaaftee araarri akka bu’u waaqa kadhatte.
waaqnis araara buusee odaa dhaabdee odaan kunis dagaagee argame. Ilmaan ishee fi
dhaloonni boodaa akka ofiif wal - bulchan waaqni abboomeefii dhaloonni ishirraan boodaan
dhufu akka wal hin dhabneef jaalalaan waliin akka jiraatan abbaa gadaa moosiftee sirna gadaa
tumatanii falaasama isaanii itti dabaluudhaan akka wal bulchan gootee turte. Kana booda
hanga hr’aatuu ilmaan Oromootaa sirnuma kanaan hooganamuun jaalalaan wal bulchaa
turan.(Warqinaa Abba soorii,2008), Sirna Gadaa.
Gumaa fixuun Oromoo Arsii haaluma wal-fakkaatuun rakkoolee sababa wal-ajjeechaa ta’an
madda isaa beekuudhaan furmaata barbaaduudha.kaayyoo guddaa kana milkeessuuf ammo
mala qorannoo hujoo qorataan filachuu danda’eera.kana maleellee madda qorannoo kan galma
ga’iinsa qorannoo kanaatiif bu’aa qaban filachuun barbaachisaa akka ta’e qorataan
hubateeera.
Maddoonni ragaa qorannoo kanaaf filataman abbootii gadaa Arsii,jaarsotaa fi hayyoota Arsii
kan G / Arsii A/Xiyyoo keessatti jiraataa ta’aniidha. Gama biraatiin meeshaalee funaansa ragaa
af-gaaffii,bar-gaaffii fi daawwannoo fayyadamuuf qorataan muteeffateera.
Kana maleellee malleen qorannoo keessaa mala miti carraa fayyadammuudhaan iddattoo
filachuuf qorataanmurteeffateera.
