Godina Arsii Aanaa Xiyoo Keessatti Kan Xiyyeeffatu Ulaagaa Itti Guutinsa Digrii 2 Ffaa (Ma) Afaan Oromootiin Kan Dhiyaate

dc.contributor.advisorIjaaraa Baatuu (PhD)
dc.contributor.authorHussen Bedaso
dc.date.accessioned2025-12-17T11:07:16Z
dc.date.issued2008-06
dc.description.abstractBara bulchiinsa sirna gadaa irraa eegalee ummanni Oromoo duudhaa, sona, safuu fi aadaa ittiin bulmaata kan mataa isaa falaasama hayyoota oromootiin kan tumame akka qabuu fi kanumaan kan wal-bulchaa ture ta’uu seenaan ni ibsa. Dhaloota kiristoos dura gara waggoota kuma saddeetii ilma waaqaa kan ta’e kuush ilmaan dhiiraa Leeta fi Horaa akkasumaas intala Ateetee jedhamtu uumatee ture. Ilmaan dhiiraa kunniin sababa faayidaa dhuunfaa walitti bu’anii Leetaan ilmi hangafaa obboleessa isaa quxisuu Horaa ajjeese(Warqina Abbaa soorii, 2008) Sirna Gadaa. Haati ilmaan tanaa halkan reenfa ilma ishee lafaa olkaaftee nageenyii fi araarri akka bu’u waaqa kadhattee waaqnillee abboomeefii yaadannoodhaaf Odaa dhaabdee Odaan kunis dagaagee bokkaaniis roobee nageenyiifii jaalalli waaqarraa bu’e. Waggoota afurtama booda haadha ilmaan Oromoo kan taate Ateeteen ilmaan lama Booranaa fi Bareentuu deete. Yeroodhaan booda obboleewwan lameen kunneen walitti bu’anii ilmi hangafaa Booranni obboleessa isaa quxisuu kan ta’e Bareentuu sababa faayidaadhaan walqabateen ajjeesee ture (Warqinaa Abbaa soorii, 2008). Haati isaanii Ateeteen reenfa ilma ishii lafaa olkaaftee araarri akka bu’u waaqa kadhatte. waaqnis araara buusee odaa dhaabdee odaan kunis dagaagee argame. Ilmaan ishee fi dhaloonni boodaa akka ofiif wal - bulchan waaqni abboomeefii dhaloonni ishirraan boodaan dhufu akka wal hin dhabneef jaalalaan waliin akka jiraatan abbaa gadaa moosiftee sirna gadaa tumatanii falaasama isaanii itti dabaluudhaan akka wal bulchan gootee turte. Kana booda hanga hr’aatuu ilmaan Oromootaa sirnuma kanaan hooganamuun jaalalaan wal bulchaa turan.(Warqinaa Abba soorii,2008), Sirna Gadaa. Gumaa fixuun Oromoo Arsii haaluma wal-fakkaatuun rakkoolee sababa wal-ajjeechaa ta’an madda isaa beekuudhaan furmaata barbaaduudha.kaayyoo guddaa kana milkeessuuf ammo mala qorannoo hujoo qorataan filachuu danda’eera.kana maleellee madda qorannoo kan galma ga’iinsa qorannoo kanaatiif bu’aa qaban filachuun barbaachisaa akka ta’e qorataan hubateeera. Maddoonni ragaa qorannoo kanaaf filataman abbootii gadaa Arsii,jaarsotaa fi hayyoota Arsii kan G / Arsii A/Xiyyoo keessatti jiraataa ta’aniidha. Gama biraatiin meeshaalee funaansa ragaa af-gaaffii,bar-gaaffii fi daawwannoo fayyadamuuf qorataan muteeffateera. Kana maleellee malleen qorannoo keessaa mala miti carraa fayyadammuudhaan iddattoo filachuuf qorataanmurteeffateera.en_US
dc.description.sponsorshipASTUen_US
dc.identifier.urihttp://10.240.1.28:4000/handle/123456789/2159
dc.language.isoenen_US
dc.titleGodina Arsii Aanaa Xiyoo Keessatti Kan Xiyyeeffatu Ulaagaa Itti Guutinsa Digrii 2 Ffaa (Ma) Afaan Oromootiin Kan Dhiyaateen_US
dc.typeThesisen_US

Files

Original bundle

Now showing 1 - 1 of 1
Loading...
Thumbnail Image
Name:
Hussen Bedaso Nemo.pdf
Size:
397.53 KB
Format:
Adobe Portable Document Format

License bundle

Now showing 1 - 1 of 1
Loading...
Thumbnail Image
Name:
license.txt
Size:
1.71 KB
Format:
Plain Text
Description:

Collections